Ilaalcha Koo Dirree Dhawaa
Dr. Habtamu Alemu Shewa β Dirree Dhawaa dimokraatawaa, haqa qabeettii, nagaati uumuuf β Uummati hundi naafii dhaabbadhu!
Dargaggootaa fi Hawaasa
Dargaggeessi barate akka mana maree keessatti akka hirmaatan ni barbaadduu?
Sagaleen ukkamamtee fi dhimmoota barbaachisoo dagataman xiyyeeffannaa akka argatan?
Yaadotni madaalawoo mana maree keessatti akka calaqqisan?
Dargaggoonni suusiirraa bilisa ta'anii lammii oomishaa akka ta'an?
Fayyaa fi Barnoota
Rakkooleen gad fagoo dhaabbilee fayyaa keessatti hojjettootaa fi hawaasa rakksan akka furan?
Dameen barnoota magaalaa keenyaa akka jabaatu fi xiyyeeffannaa guddaa akka argatu?
Dhaabbileen mootummaa tajaajila saffisaa, qulqulluu fi adda addaan hin qoodamne akka kennan?
Aadaan dubbisuu akka cimu, iddoowwan bashannanaa zaayimaa akka uumaman, dargaggeessi suusiirraa akka biloome?
Haqaa fi To'annaa Malaammaltummaa
Dhaabbileen haqaa dhiibbaa raabsaa irraa bilisa akka ta'an?
Malaammaltummaa fi kaffaltiin seeraan alaa akka dhaaban?
Iddoonni itti gaafatamummaa sanyii, amantii, gosa ykn firoonni osoo hin ta'in beekumsaa fi dandeettiin qofa akka kennaman?
Dhiibbaa fi ukkaamni hojjettoota mootummaa irratti akka dhaabu?
Bu'uuraalee Misoomaa
Gandootni tuffataman xiyyeeffannaa sirrii akka argatan fi akka fooyya'an?
Gandootni baadiyyaa barnoota, fayyaa fi daandiidhaan akka fooyya'an?
Gatiin jireenyaa ol ka'aa namoombaa rakkisu akka to'atamu?
Mootummaan federaalaan magaalaa keenya Dirree Dhawaa irratti xiyyeeffannoo addaa akka kennu?
Nagaa fi Tokkummaa
Dirreen Dhawaa nagaan fi tokkummaan ishee akka jabaatu ni feetuu?
Dirreen Dhawaa dimokiraasii fi mirgaan namoomaa itti kabajamu, hacuuccaan irraa bilisa taate ni feetuu?
Namni hundi sanyii, amantii, gosa ykn faayidaa isaa osoo hin qoodamin akka carraa qixxaa fi fayyadamumma argatu ni feetuu?
π Baabura Filadhaa! Dirree Dhawaa Fooyyessuuf
Mallattoo Filannoo: Baabura